
Teessuma mootummaa Amerikaa, handhuura Washington DC keessatti walgahiin ABO Fulbaana 5, 2009 hawaasa Oromoo Washington DC fi naannawa isii jiraataniif qopheesse milkii fi injifannoo guddaadhaan xumurame. Walgahiin kun Konyaa ABO Washington DCtiin kan qindaawe yoo tahu jilli ABO olaanaa kan HD J/Dawud Ibsaa, Mataa Dame Dantaa Alaa J/Tamaam Yusuuf fi miseensa GS J/Odaa Xasee of keessaa qabu irratti argamuudhaan ibsa fi marii barabaachisu gaggeessanii jiru.
Walgahii uummataa kana irratti sub-boontoti ilmaan Oromoo Washington DC, Maryland fi Virginia jiraatan heddumminaan irratti kan argaman yoo tahu, sabboontonni garii Pennsylvania irraa sa’aa dheeraa konkolaataa oofuudhaan walgahii seena qabeessa kana irraa hirmaatanii jiran.
HD ABO J/Daawud Ibsaa, haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABOn durfamu keessa jiru haala qabsoo Empira Itoophiyaa keessatti gaggeefamaa jiruu, haala dinnan QBO fi waliigala haala gaanfa Africa ilaalchisee ibsa bal’aa fi quubsaa tahe hirmaattota walgahichaaf kennanii jiru.
Ibsa bal’aa HD ABO J/Daawud kenneen booda gaafii akka gaafatan qofaa osoo hin taane yaadaa fi yaaddoo qaban illeen akka ibsataniif hirmaattotaaf waltajjiin baname. Gaafiilee ummata irraa dhihaataniif Jaal Daawud deebisaalee quubsaa fi ibsa gahaa hirmaattota walgahichaaf kannanii jiruu. Akkasumas gaafii-deebii booda Oromoonni garii yaadota qabsoo bilisummaa Oromoo tumsanii fi yaaddoo qaban illee bilisa tahanii ibsachuudhaan walumaagala walgahiin kun wal-hubannoo guddaadhaan milkiin xumuramee jira.
Hayyu Dureen ABO J/Daawud Ibsaa boobbaa Amerikaa kaabaatti godhaa turan keessaa walgahiin hawaasa Oromoo Washington DC waliin taasisan kun waltajji isaa dhumaa tahuunis hubatamee jira.
Injifatnnoo Uummata Oromoof !
|